Afyaa’ii Taggasaa Caafoon Godina Gaamootti Maatii lammilee sababa sigiga lafaan lubbuun darbe jajjabeessan

Finfinnee, Bitootessa 4, 2018 (FMC) – Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taggasaa Caafoon Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Godina Gaamootti argamuun Maatii lammilee sababa sigiga lafaan lubbuun darbe jajjabeessaniiru.

Naannawaa balichi mudateetti hojiin reenfa barbaaduu cimee itti fufuun ibsameera.

Balaa mudateen lubbuun namootaa darbuun ibsamuun, maatiin 575 miseensa kuma 3 fi 480 ol qaban qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’aniiru.

Lammiilee qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’anii bakka tursa yeroo jiraniif deeggarsi ariifachiisaa taasifamaa jiraachuu eeruun, lammiilee kanneen itti fufiinsaan dandamachiisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Biiroon Kominikeeshinii naannichaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.

Afyaa’ii Taggasaan guyyaa kaleessaa magaalaa Arbaa Minchii fi Godina Gaamoo naannawaa adda addaatti miidhaa guutiinsi laga kulfoo qaqqabsise daawwachuun, lammiileen namoota sababa sigiga lafaan miidhamaniif deeggarsa akka taasisan waamicha dhiyeessuun ni yaadatama.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment