Finfinnee, Qaammee 1, 2017 (FMC) – Agarsiifni Aadaa Goobee fi Shinooyyee Magaalaa Finfinneetti sirna miidhagaa ta’een gaggeeffamaa jira.
Aadaa fi duudhaa uummanni Oromoon qabu keessaa Goobee fi Shinooyyeen isaan tokko.
Mootummaan naannoo Oromiyaa Aadaaf Duudhaa sabichaa caalmaatti gabbisuu hojiin hojjechaa jiraachuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.
Tapha Aadaa Goobeefi Shinooyyee abboottiirraa dhaalle sadarkaa uummata Oromoo madaaluun guddisnee addunyaatti beeksisuuf cichoominaan hojjachaa jirra jedhan qeerroofi qarreen taphicharratti hirmaachaa jiran.
#Oromia #Ethiopia