Finfinnee, Guraandhala 14, 2018 (FMC) – Ajajni duultoota Addaa guyyaa hundeeffama isaa waggaa 65ffaa sababeeffachuun agarsiisa loltummaa gaggeessaa jira.
Ajajichi Qilleensaarraa, Galaanaarraa, haada utaaluu, dhukaasaa fi lola magaalaa ilaalchisee agarsiisa dhiyeessaa jira.
Kunis yeroo fi iddoo kamittuu ergama itti kenname dandeettii olaanaan raawwachuu akka danda’u mul’iftuudha jedhame.
Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Humnoota Waraanaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa dabalatee qondaaltoonni kutaalee waraanaa garaagaraa saganticharratti argamaniiru.
Maraa’ol Kadiriin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.