Finfinnee, Fulbaana 3, 2018 (FMC) – Agarsiisni Suuraafi Fakkii Imala Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa Waggoota 14 agarsiisu Mata Duree “Itiyoophiyaan ni Dandeessi” jedhuun Yaadannoo Injifannoo Adwaatti baname.
Xumuramuu hidhichaa hordofee bulchiinsi Magaalaa Finfinnee agarsiisa kan qopheessuu ibsame.
Kantibaa Itti aanaa fi hogganaan Biiroo Misooma Indaastirii Magaalaa Finfinnee obbo Zyaanxiraal Abbay, Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Finfinnee obbo Magos Baalchaa dabalatee hoggantoonnii olaanoon magaalichaa saganticharratti argamuu Biiroon Kominikeeshinii magaalaa Finfinnee Faanaa Dijiitaalitti himeera.
#Oromia#Ethiopia