Ajajni duultoota addaa leenjitoota komaandoo bu’uuraa eebbisiisaa jira

Finfinnee, Caamsaa 30, 2017(FMC) – Ajajni Duultoota addaa leenjitoota Komaandoo bu’uuraa giddugala leenjii Bilaatteetti marsaa 43ffaaf eebbisiisaa jira.

Itaamaajoor Shuumii Humna waraanaa Waliigalaa Fiidl Maarshaal Birhaanuu Juulaa fi Pireezidaantii Naannoo Kibba Itiyoophiyaa obbo Xilahuun Kabbadaa dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoo fi qondaaltoonni waraanaa biroon saganticharratti argamaniiru.

Eebbifamtoonni leenjii bu’uuraa Komaandoo fi saayinsii loltummaa waggaa tokkoof leenji’aa turaniiru.

Agarsiisawwan adda addaa sagantaa eebbichaarratti eebbifamtootan dhiyeetera.

Hayilamaariyaam Taganyitu gabaase.

Comments (0)
Add Comment