Finfinnee, Caamsaa 3, 2017 (FMC)- Ajajni Lixaa dirrewwan waraana garaagaraatti injifannoon kan beekamu walabummaa fi tokkummaa biyya kabachisuuf wareegama guddaa kaffalaa turuu Itaamaajoor Shumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan ibsan.
Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan kabaja guyyaa hundeeffama Waggaa 47ffaa Ajaja Lixaarratti argamuun haasawaa taasisaniiru.
Ajajni Lixaa dirreewwan waraana garaagaraa irratti injifannoo kan beekamu walabummaa fi tokkummaa biyya kabachisuuf arsaa guddaa kaffalaa turuu dubbataniiru.
Ajajichi farreen nageenyaa fi misooma biyyatti gufachiisuuf socho’u barbadeessuun misoomni akka itti fufuu taasisuun biyya boonse jira jedhan.
Ajajaan Ajaja Lixaa Letenaal Jeneraal Massalaa Masarat gamasaaniin, Rayyaa ittisa biyyaatti Ajajni lixaa hundeeffama isaa irraa egalee biyya keessaa fi alatti dirqama itti kenname milkaa’inaan kan raawwataa turee fi jirudha jedhan.
Hojii tola ooltummaattinis haadha hiyyeessa deeggeruu, mana harka qalleeyyii ijaaruu, dhiiga arjoomuu, manneen barnootaa fi buufata fayyaa ijaarruunis gahee leencaa bahachaa jiraachuu ibsaniiru.
Ammas walabummaa biyya kabachisuu fi tokkummaa biyyattii mirkaneessuuf leenjii fi meeshaa yeroon barbaaduun ijaaramuun aarsaa kamuu kafaluuf qophii ta’uu himaniiru.
Galaanaa Tasfaatu gabaase.