Finfinnee, Mudde 17, 2018 (FMC)- Akkuma loltuun daangaa biyyaa tiksu, qaaxxeefi olola sobaa qolachuun dantaa biyyaalessaa eeguun gahee miidiyaa olaanaadha jedhan Hogganaan Biiroo Kominkeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa.
Waltajjiin Gumii Balal Marsaa 48ffaa mata duree “Dantaa Biyyaalessaafi Miidiyaa” jedhuun gaggeeffamaa jira.
Saganticharrati haasawaa baniinsaa kan taasisan Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa, Itioophiyaan biyya guddoo saboota, Sablammootaafi ummattoota hedduu haammattee birmadummaa ishees kabachiisuun jiraattedha jedhan.
Akka biyyaatti dhimmoota dantaa biyyaalessaa ta’an olaantummaa Heeraafi seeraa mirkaneessuu, tokkummaa biyyaalessaa tiksuu, mirga ofiin of bulchuu jabeessuufi guddina itti fufiinsa qabu ijaaruu irratti kutannoo olaanaan biyya hojjechaafi injifannoowwan gurguddoo galmeessaa jirtu akka ta’ees ibsaniiru.
Ejennoon mootummaa akkuma Siyaasa bishaan laga Abbayyaa jijjiirre ajandaa Ulaa Galaanaa cufame ture banuufi ji’oo polotiksii Gaanfa Afriikaa keessatti taatoo adda duree ta’uun argamuudha.
Kunis hammattoo dippilomaasiifi seera Idil-addunyaa fayyadamuun cichoominaan hojiirra oolchuun kan raawwatamudhas jedhan.
Bara dorgommiin teeknoloojii dijitaalaa guddina ariifataa galmeessaa jiruufi biyyoonni guddatan roga hundaan miidiyaa dijjitaalaafi carraa miidiyaalee qaban hundatti fayyadamuun aantummaafi gartummaa biyya isaanii agarsiisaa jiranitti hoggansaafi ogeessa miidiyaa akkasumas haayyonni miidiyaaleefi kominikeeshinii biyya keenyaas haala qabatamaa addunyaa dhugaan booda hubachuun kutannoon hojjechuun dhimma boriif bulfamu akka hin taane eeraniiru.
Addi waraanaa guddichi dantaa biyyaa kabachiisuu danda’u tokko waraana gama miidiyaatiin jirudha kan jedhan Obbo Hayiluun, dhaabbileen miidiyaas waraana gama kanaan jiru qolachuuf beekumsaafi guddina teeknoloojii jaarraa kanaa hubachuufi hidhachuun dhimma filannoof dhiyaatu miti jedhan.
Miidiyaan hojii hojjetuun biyya ni ijaara; itti gaafatamummaa isaa ba’achuu yoo dhabe garuu haaluma salphaan biyya ni diiga jechuun ibsaniiru.
Dhimmi guddina biyyaa hojii ijoo miidiyaa ta’uu eeranii, guddina kana milkeessuufis hirmaannaa lammilee jabeessuuf hojjetamuu qaba jedhan.
Bilisummaan miidiyaa akkuma eegametti ta’ee duudhaalee dhugummaa, haqummaa, al-loogummaafi amanamummaa jabeessuun waldhabdeefi wal-shakkii hir’isuuf hojjechuun murteessaa ta’uu ibsuu isaanii ragaan BKO ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.