Finfinnee, Caamsaa 7, 2017(FMC) – Albamni Artist Qamar Yuusuuf inni dhumaa Waxabajjii 15 Hoteelaa Iskaayilaayititti akka eebbifamu ibsame.
Koreen Sagantaa eebba Albamichaa ibsa miidiyaaleef kennaniin, guyyaan imala muuziqaa Wagga 50ffaa Artist Qamar Yuusuuf fi eebbi Albama isaa kan dhumaa Waxabajjii 15 akka geggeeffamu himameera.
Sagantaan eebba albama isaa kun bakka Artistoonni, namoonni bebbeekamooniifi jaallattoonni isaa argamanitti geggeeffama jedhameera.
Albamni kun Sirboota 14 kan of keessa qabu yoo ta’u, hojjetamee xumuramuuf waggaa 2 akka fudhate himameera.
Artist Qamar Yuusuuf hanga ammaatti Albama 7 fi sirboota qeenxee 50 ol hojjechuun Uummataaf gumaacheera.
Feenaan Nuguseetu gabaase.