Albuudnii fi indaastiriin ka’umsa, dinagdeen dijiitaalaa ammoo kan walsimsiisuu dha – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 23, 2018 (FMC) – Dameeleen albuudaa fi indaastirii bakka ka’umsa keenyaa, dinagdeen, dijiitaalaa ammoo kan walsimsiisuu dha jedhan Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy leenjii mata duree “Milkaa’ina dameelee, ilaalama Mootummaa Ida’amuun” jedhuun hoggantoota olaanoo Paartii Badhaadhinaaf kennan irratti akka dubbatanitti, dameen albuudaa sharafa alaa olaanaa argamsiisuun akka ka’umsaatti kan gargaaruu dha.

Damichi karaa karoorfamee fi beekumsa irratti hundaa’een sirriitti xumuranii hojjechuu gaafatas jedhan.

Qabeenyi gaazii, fuullee fi inarjii Itiyoophiyaa akka kabajchiisu kaasanii, fedhii sharafa alaa guutuuf murteessaa ta’uus eeraniiru.

Kenniinsi eeyyamaas of eeggannoo olaanaa akka barbaadu hubachiisaniiru.

Oomishaalee indaastirii alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuu, daldala alaa fi galteewwan dameelee biroo deggeran oomishuu kaayyoolee jedhan akka qabus dubbataniiru.

Damichi waliindha’uu irraa gara bayyaannannaatti akka guddatuuf itti dhiheenyaan ogganuun haala damee dhuunfaa hojjechiisuu fi tumsa madaalawaa uumuun guddina fiduu akka barbaachisu ibsaniiru.

Dinagdeen dijiitaalaa walsimsiisaa waan ta’eef tekinooloojii sadarkaa olaanaan babal’isuu akka barbaachisu kaasanii,
Itti fayyadama tekinooloojii karaa baricha madaaluun guddisuu barbaachisas jedhan.

Kanaafis eenyummeessaa dijiitaalaa, itti fayyadama moobaayilaa fi sirna kaffaltii ammayyaa guddisuun murteessaa ta’uus eeran.

Dameeleen indaastirii fi albuudaa bakka ka’umsaa, dinagdeen dijiitaalaa ammoo walsimsiisaa akka ta’es hubachiisaniiru.

Yoonaas Geetinnatiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment