Finfinnee, Sadaasa 23, 2018 (FMC) – Emireetoota Araba Gamtoomaniitti Ambaasaaddara guutuu ta’uun kan muudaman Ambaasaaddar Dooktar Jamaal Bakar xalayaa muudama isaanii Pireezidaantii biyyattii Sheek Mahaammad Biin Zaayid Al Naahiyaaf kennaniiru.
Sirna guyyaa har’aa Masaraa Mootummaa Qaasir Al Waatanitti gaggeeffameerratti xalayaa muudamaa kana kan kennan Ambaasaaddar Dooktar Jamaal Bakar ergaa Pireezidaantii FDRI Taayyee Atsiqasillaasee fi Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy pireezidaantichaaf erganis geessisaniiru.
Ambaasaaddar Dooktar Jamaal Bakar hariiroo gamhedduu biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf kan hojjetan ta’uu saganticharratti mirkaneessaniiru.
Pireezidaanti Sheek Mahaammad Biin Zaayid Al Naahiyaan gama isaaniin Ambaasaaddar Dooktar Jamaal Bakariif bara hojii gaarii akka ta’u hawwuun, biyyi isaanii hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabduuf iddoo olaanaa kan laattu ta’uu dubbachuu Emireetoota Araba Gamtoomaniitti Imbaasiin Itiyoophiyaa ibsa Faanaa Diijitaaliif ergeen ibseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.