Ambaasaaddar Reedwaan Huseen ergaa Dooktar Abiy Ahmad Pirezidaantota Keeniyaa fi Yugaandaan ga’an

Finfinnee, Amajjii 11, 2017 (FMC)- Daarektarri Olaanaa Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaaleessaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen, ergaa Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad irraa ergame Pireezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo fi Pireezidaantii Ugaandaa Yuuweerii Museeveniin gahaniiru.

Itiyoophiyaan ollummaa fi michummaa biyyoota lameeniis ta’e naannawaa Baha Afrikaa jabeessuuf kutannoo qabaachuu fi karra galaanaa argachuufis gaaffiin dhiyeessite fudhatama qabaachuusaaf hubannoo dureewwan Keeniyaafi Yugaandaa qaban, Dooktar Abiy Ahimad dinqisiifachuu Ambaasaaddar Reedwaan ibsaniiru.

Fuuldurattis Somaaliyaatti Nageenya mirkneessuu fi shororkeessummaarratti qabsaa’uuf gahee qabdu cimsitee akka itti fuftu deeggarsaa fi amantaa qaban ibsaniiru

Dureewwan biyyoota lameeniis hojii Itiyoophiyaan gaaddisa Gamtaa Afriikaa fi Mootummoota Gamtoomanii jalatti hojjettu dabalatee tattaaffii hoggansa Dooktar Abiyn nageenya Somaaliyaa fi biyyoota biroo mirkaneessuuf gumaachaa jiraachuu himuu ragaan Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaaleessaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment