Finfinnee, Amajjii 19, 2018 (FMC) –Ameerikaa fi Itiyoophiyaan dhimmoota faayidaa biyyaalessaa isaanii kabachiisanirratti waloon hojjechuuf waliigalaniiru.
Ministirri Raayyaa Ittisaa Biyyaa Injinar Ayishaa Mahaammad Afrikaatti Ajajaa Izzii Ameerikaa Jeneraal Daagiviin Ar’eem Andarsan waliin mari’ataniiru.
Dhimmoota hariiroo waraanaa biyyoota lamaanii caalmaatti cimsanirratti mari’ataniiru.
Biyyoonni lamaan akkaataa faayidaa waloo biyyoota lamaanii kabachiisuun danda’amuun tumsaan hojjechuuf waliigalaniiru.
Fayyadamummaa biyyoota lamaan qixaan mirkaneessuuf xiyyeeffannoon kan hojjetan ta’uu himan.
Shororkeessummaa waloon qolachuuf waliigalteerra gahuu isaanis ibsameera.
Tumsa biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf kan hojjetan ta’uu Jeneraal Daagiviin Ar’eem Andarsan mirkaneessuu ragaan Miidiyaan Onlaayinii Raayyaa Ittisaa Faanaa Diijitaaliif erge ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.