Finfinnee, Ebla 23, 2017 (FMC) – Ameerikaan waliigaltee qabeenya humnaa fi Albuudaa Yuukireen waloon fayyadamuuf ishee dandeessisu maree yeroo dheeraa booda mallatteessitetti.
Akka BBC’n gabaasetti biyyoonni lamaan diinagdeen Yukireen waraanaan miidhame akka bayyaannatuuf fandii Investimantii deebisanii ijaaruu hundeessuuf waliigalaniiru.
Ittigaafatamaan Maallaqaa Ameerikaa Sikoot Beesanti akka dubbatanitti waliigaltichi Yukireen keessatti nageenya waaraa fi badhaadhina fiduuf biyyoonni lamaan kutannoo qaban kan itti mul’isanii dha.
Deggersa loltummaa Ameerikaarraa argachuu kan feetu yukireeniif waliigalteen ammaa kun murteessaadha jedhamaa jira.
Yukireen kuufama albuudota murteessoo akka Giraafaayitii, Tiitaaniyamii fi Liitiyamii faa akka qabdu amanama.
Albuudoonni kun ammoo haaromsa annisaaf. hojiiwwan loltummaa fi galteewwan ijaarsawwan indaastiriif baay’ee barbaachisoodha.
Waliigalteen kun erga Ameerikaan biyya kuufama albuudaa addunyaa %90 kan qabdu Chaayinaa waliin waraana daldalaa keessa galanii booda dhaga’ame.
Fandiin investimeentii deebisanii dhaabuu Ameerikaa fi Yukireen haaraa hundaa’e kun deggersa maallaqaa fi meeshaalee Ameerikaan erga Yukireen waraana keessa galtee ergaafii turteef beekamtii kan kenne ta’uu Sikoot Beesanti ibsaniiru.
Akka ibsa isaaniitti waliigaltichi qabeenya guddina Yuukireen banuuf kan fayyaduu dha.
Waliigalteen kun akkuma jedhame Yukireen keessatti nagaa fi badhaadhina kan fidu yoo ta’e, sababa waraanaan dhiibbaa dinagdee biyyoota alaa irratti uumame salphisuu mala.
Haa ta’u malee, waliigaltee kana ilaachisee gama Raashiyaan hanga ammaatti waanti jedhame akka hin jirree BBC’n gabaasa isaan ibseera.