Finfinnee, Mudde 14, 2018 (FMC) –Ameerikaafi Itiyoophiyaan waliigaltee deeggarsaa Doolaara biiliyoona 1 fi miiliyoona 600 mallatteessaniiru.
Mootummaan Ameerikaa tumsa damee fayyaa Itiyoophiyaaf deeggarsa Doolaara biiliyoona 1.01 ifoomseera.
Deeggarsi kun tumsa misoooma waaraa waggoota shanii damee fayyaafi invastimantii waloo cimsuuf kan oolu.
Waliigalticha Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shidee, Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaafi Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Erviin Maasiingaan mallatteessaniiru.
Deeggarsi kun tumsa Itiyoophiyaafi Ameerikaa keessatti isa seena qabeessa ta’uun ibsameera.
Ashannaafii Shibbiruutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.