Finfinnee, Sadaasa 24, 2018 (FMC)- Ameerikaan Itiyoophiyaa waliin Shoroorkeessummaa fi yakkoota daangaa ce’oo ittisuuf murannoo qabdi jedhan Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Eerviin Maasingaan.
Komishinarri Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’eel Ambaasaaddar Eerviin Maasingaa waliin mari’ataniiru.
Mariin saanii, biyyoonni lameen tumsa damee poolisiin qaban caalmaatti cimsuu, shoroorkeessummaa ittisuu fi yakkoota daangaa ce’oo waloon ittisuun akkaataa danda’amurratti kan xiyyeeffatedha.
Akkasumas muxannoo wal jijjiiruu, ijaarsa dandeettii fi dameelee biroorrattii mari’achuu Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eel Faanaa Diijitaaliif himaniiru.
Ambaasaaddar Eerviin wayita kanatti, Ameerikaan damee poolisiin tumsa Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuuf fedhii qabaachuu dubbataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.