Ameerikaan garee IS Sooriyaatti argamurratti haleellaa cimaa raawwatte

Finfinnee, Mudde 11, 2018 (FMC)- Waraanni Ameerikaa garee shoroorkeessaa IS sooriyaatti argamu irratti haleellaa cimaa raawwatte.

Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi, haleellaan kun dhiheenya gareen Shrorookeessa IS loltoota Ameerikaa Siriiyaa jiranirratti raawwateef haaloo ba’uuf akka ta’ee himaniiru.

Haleellaa cimaa raawwatameenis qabiiyyee IS 70 irratti xiyyeeffatamuun ibsameera.

Haleellichaaf Jeettiiwwan waraanaa, Helikooptaroonni, Madfii fi meeshaalee waraanaa biroo fayyadamuu ‘Reuters’ gabaaseera.

Jeettiwwan waraanaa Yoordaanoos irra ka’uun qabiyyee IS irratti haleellaan qilleensaa raawwatame bu’aa qabeessa akka ture Pireezidaanti Tiraampi dubbataniiru.

Kanaanis mana kuusaa Meeshaalee waraanaa IS , hidhattoota garichaa fi bu’uuraalee misoomaa isaanii biroo irra miidhaa qaqqabsisuun danda’amuu eeraniiru

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment