Finfinnee, Guraandhala 17, 2018 (FMC) – Qarqara Galaanaa Baha Ameerikaatti Obomboleettii cimaan Cabbii makate muudachuu hordofee balalliiwwan kumni 5 ol haqamaniiru.
Kunis lammiilee miiliyoonaan lakkaawwaman dhamaatiif saaxiluutu gabaafame.
Rood Ayilaandii fi Maasaachuuseentisitti Roobni Cabbii Inchii 37 ta’e kan galmaa’e yoo ta’u, Magaalaa Niwuu Yoork Paarkii Seentiraalitti ammoo Inchiin 19 ol galmaa’uu Tajaajilli Haala Qilleensaa Biyyaalessaa Ameerikaa ibsuu BBC’n gabaaseera.
Kutaalee Buclhiinsaa Ameerikaa keessaa ishee xiqqoo kan taate Rood Ayilaandiitti Obomboleettii cimaan cabbii makate muudachuu miidiyaaleen gabaasaniiru.
Qarqara Galaanaa Baha Ameerikaatti tajaajilli Elektirikaa adda cituutu ibsame.
Kuufamni Cabbii Qarqara Galaanaa Kaaba Bahaatti muudate Seentimeetira 30 – 61 qaqqabuu himame.
Obomboleettii cimaan Cabbii makate kun hanga Wiixata dhufuutti itti fufuu akka danda’u tilmaamameera.
Wandimmaaganyi Tsaggaayeetiin
#Oromia #Ethiopia