Finfinnee, Adoolessa 5, 2017(FMC) – Karra eegaan Maanchister Yuunaaytid Andiree Onaanaan sababa miidhamaan taphoota bara dorgommiin duraa ala ta’uun mirkanaa’eera.
Lammiin Kaameruun karra eegaan Manchistar Yuunaayitid angaftichi torban ja’aa hanga torban saddetiitti dirreerraa fagaata jedhameera.
Miidhamuu Onaanaa hordofee leenjisaan Ruuban Amooriim karra eegaa kan biraa mallatteessisuuf akka dirqaman “Telegiraaf” gabaaseera.
Onaanaan bara Faranjootaa 2023tti Intermiilaan irraa Maanchistar Yuunaayitiditti erga makamee eegalee dogoggora irra deddeebiin raawwatuun ceepha’amaa tureera.
Manchistar Yuunaaytid foddaa jijjiirraa taphattootaa kanaan karra eegaa lammii Arjeentiinaa Emiiliyaanoo Maartiineez dabalatee karra eegdota hedduu waliin maqaan isaa bal’inaan ka’aa tureera.
Wandimmaaganyi Tsaggaayeetiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan t
aataniif isin galateeffanna.