Appilikeeshinichi tajaajila si’eessuu fi daddabarsa seeraan alaa maallaqaa to’achuuf guddaa fayyada – Ambaasaaddar Fitsum Asaffaa

Finfinnee, Amajjii 12, 2018(FMC) – Appilikeeshiniin Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa ifoomse diyaaspooraan tajaajila si’ataa akka argatuu fi daddabarsa seeraan alaa maallqaa ittisuuf faayidaa guddaa qaba jedhan Daarekterii Olaanaan Tajaajila Diyaaspooraa Ambaasaaddar Fitsum Asaffaa.

Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa appilikeeshinii “CBE Connect Digital Wallet” jedhamu maallaqa biyya alaa irraa daddabarsuuf gargaaru hojii eegalchiisneera.

Daarekterii Olaanaan Tajaajila Diyaaspooraa Ambaasaaddar Fitsum Asaffaa appilikeeshiniin ifoome kun diyaaspooraan tajaajila si’ataa akka argatu, daddabarsa seeraan alaa maallaqaa ittisuu fi sharafa alaa argamsiisuuf faayidaa guddaa akka qabu dubbatan.

Bakka bu’aan Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa fi pirezidaantii itti aanaan Tajaajila Korpooreetii Efirerm Makuriyaa gama isaaniin, baankichi yeroo yeroon hojimaata isaa ammayyeessuun tajaajila si’ataa fi bu’a qabeessa kennaa akka jiru himaniiru.

Dijiitaal Itiyoophiyaa dhugoomsuuf baankichi tekinooloojiiwwan dijiitaalaa babal’isuu irra akka jirus beeksisaniiru.

Appilikeeshinin hojii eegale kun imala dijiitaalaa baankichaa gara sadarkaa olaanaatti kan ceesisu ta’uu isaa eeranii, maamiltoota biyya keessaa fi ala jiran caalmaatti kan walitti hidhuu fi adeemsa daddabarsa maallaqaa kan si’eessu ta’uu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment