Artiist Dabbabaa Isheetuun boqochuu hordofee Dooktar Abiy Ahimad gaddi itti dhagahamuu ibsan

Finfinnee, Hagayya 11, 2017(FMC) – Artiistii buleessi Dabbabaa Isheetuun du’aan boqochuu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad gaddi itti dhagahamuu ibsan.

Seenaa aartii Itiyoophiyaa keessatti ashaaraa guddaa kan qaban Artiist Dabbabaa Isheetuun Addunyaa kanarraa du’aan boqochuu isaatti gaddeera jedhan Dooktar Abiy fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Artiist Dabbabaan seenaa Tiyaatiraa fi fiilmii Itiyoophiyaa ammayyeessu keessatti nama adda duree turan jedhan.

Ityoophiyaan imala jijjiiramaa eegalte milkiin akka xumurtu gargaaruu keessatti gahee inni gama aartiin bahaataa ture   yoomiyyuu ni yaadanna jechuun ibsan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment