Ashaaraan magariisaa bishaan lafa keessaa gabbisuun rakkoo bishaan dhugaatiif fala ta’aa jira- Ogeeyyii

Finfinnee, Adoolessa 21 , 2017 (FMC) – Ashaaraan magariisaa bishaan lafa keessaa gabbisuun rakkoo bishaan dhugaatiif fala ta’aa jira jedhan ogeeyyiin.

Yuunivarsiitii Finfinneetti hayyuun Saayinsii Eegumsa Naannoo Dooktar Tashoomaa Sooromsaa, biqiloonni burqaawwan hedduun akka maddan haala mijeessaa jiru jedhan.

Bosonni Gaarreen Baalee burqaawwan hedduu maddisiisuun lagatti jijjiiramee gammoojjii Naannoo Somaalee fi biyya Somaaliyaaf ta’aa jira jedhan.

Bakka bosonni uumamaa jiru bishaan taliilli ilma namaafi looniif ta’u salphaatti akka argamu Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniitti himaniiru.

Ogeessi Eegumsa Naannoofi Daarektarri Neechar Itiyoophiyaa Dhaqqaboo Daalee gamasaaniin, mukkeen roobni lafa bu’u suuta akka lafa seenu kan gargaaran ta’uu ibsan.

Mukkeen biyyee gabbataa uumanii bishaan of keessa akka tursiisanif gargaarus jedhan.

Bakkeewwan hanqinni bishaan dhugaatii jirutti hojii ashaaraa magariisaa cimsuun fala ta’uu hayyoonni kunneen hubachiisaniiru.

Getaachoo Mul’ataatu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment