Finfinnee, Hagayya 2, 2017 (FMC) – Ashaaraan Magariisaa biyya dhaloota dhufuuf mijattu ijaaruuf jalqabbii guddaa waan ta’eef hirmaannaa keenya cimsinee itti fufna jedhan Paartileen Morkattootaa.
Miseensonni Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Mana Abbichuutti sagantaa dhaabbii biqiltuu gaggeessaniiru.
Walitti qabaan Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannichaa obbo Solomoon Taaffasaa yerooma kana akka jedhanitti, Ashaaraan magariisaa ajandaa biyya fooyya’aa fi mijataa dhaloota dhufuuf ijaaruu waan ta’eef lammiin hundi dammaqinaan hirmaachuu qaba.
Dhimmoota waloo biyyaalessaa irratti waliin hojjechuu akka barbaachisus dubbatanii, dhimmoota misoomaa, nagaa fi guddina waliigalaa biyyattii mirkaneessan irratti waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.
Mootummaan paartileen morkattootaa adeemsa kana keessatti akka hirmaatan haala mijataa uumuu isaa hubachiisaniiru.
Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Oromiyaatti Itti Gaafatamaan Ijaarsa Aadaa Diimokraasii Mogas Ida’ee akka jedhanitti, Ashaaraan magariisaa ajandaa waloo biyyaalessaa garaagarummaa ilaalcha siyaasaan hin daangofne ta’uu ibsaniiru.
Paartileen Morkattootaa Ashaaraa Magariisaa dabalatee dhimmoota biyyaalessaa irratti walitti dhiyeenyaan hojjechuun guddina biyyaa fi guddina aadaa diimokraasii kan gargaaru ta’uus eeraniiru.
Barreessaan Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa Taarikuu Dinbaruu gama isaaniin, Ashaaraan magariisaa egeree dhaloota boruu fooyyeessuuf jalqabbii guddaa ta’uu dubbataniiru.
Pireezidaantiin Paartii “Sirna Gadaa Walabummaa Oromoof” Roobelee Taaddasaan, Ashaaraan Magariisaa dhimma paartii tokkoo osoo hin taane kan hundaa waan ta’eef, hirmaannaa keenya cimsinee itti fufna jedhan.
Miseensi hojii raawwachiiftuu Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa Ermiyaas Taganeen, ashaaraa magariisaa dabalatee dhimmoota biyyoolessaa irratti hirmaannaa keenya cimsinee itti fufna jedhan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok: https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.