Finfinnee, Adoolessa 30, 2017(FMC) – Ashaaraan magariisaa diinagdee jijjiirama qilleensaan hin raafamneefi dhaloota itti aanutti darbuu kan uumudha jedhan hayyuun diinagdee.
Sagantaan Ashaaraa magariisaa uwwisa bosonaa dabaluuniifi dhiqama biyyee hir’isuun oomishaafi oomishtummaa kan dabalu ta’uu Yuunivarsiitii Siiviil Sarvisii Itiyoophiyaatti Gargaaraan Piroofeesaraa Marshaa Zawdeen ibsan.
Oomishaafi oomishtummaan qonnaa dabaluun ammoo fedhii dhiyeessii oomishaalee qonnaa biyya keessaafi al-ergii kan guddisu ta’uu dubbatan.
Sagantaa kanaan biqltuuwwan fuduraa dhaabaman oomisha fuduraa kan dabalan ta’uus ibsaniiru.
Buufataalee biqiltuu keessatti carraa hojii uumuun diinagdee namoota dhuunfaa guddisuu keessattis shoora qabaachuu eeraniiru.
Galii namoota dhuunfaa biqiltuuwwan garaagaraa oomishanii kan dabalu ta’uu himan.
Sagantichi rakkoo jijjiirama qilleensaa furuu keessattis shoora qabaachuufi diinagdee jijjiirama qilleensaan hin raafamneefi dhaloota itti aanutti darbu akka uumu dubbataniiru.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa galma gahiinsa karoora misooma waaraa keessatti qooda qabaachuu ibsuun, biyyoonni fakkeenya Itiyoophiyaa kana hordofuu akka qaban dhaamaniiru.
Ayyaanaa Dheeressaan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.