Finfinnee, Adoolessa 15, 2017 (FMC)- Ashaaraan Magariisaa fi Tajaajilli Tola Ooltummaa duudhaalee dhalootaa dhalootatti darbanidha jedhan Ministiroonni.
Hoggantoonni fi Hojjettoonni Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Ministeera Haqaa Dhaabbiileen Itti Waamamtotaa waliin ta’uun Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaa Aanaa Luumeetti biqiltuu Ashaaraa Magariisaa dhaabaniiru.
Dabalataniis Tajaajila tola ooltummaan barattootaaf meeshaa barnootaa deeggaruun ijaarsa manneen harka qalleeyyii eegalchiisaniiru.
Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Injiinar Ayishaa Mahaammad wayita kanatti, sagantaan Ashaaraa Magariisaa jijjirama qabeenya qilleensaa sirreessuuf, Eegumsa biyyee fi bishaanii fi wabii nyaataa mirkaneessuun jijjiirama qabatamaa argamsiisaa jira jedhan.
Ministirri Ministeera Haqaa Hannaa Ar’ayaa Sillaaseen gamasaaniin, sagantaa Ashaaraa magariisaan diinagdee jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuu danda’u ijaaruufi wabii nyaataa mirkaneessuuf akkasumas dhiqamiinsa biyyee ittisuu keessatti gahee oalaanaa bahataa jiran.
Ashaaraan Magariisaa fi Tajaajilli Tola Ooltummaa duudhaalee dhalootaa dhalootatti darban ta’uu ibsuun, Ashaaraa keenyaa kaa’uun biyya fooyyooftuu ijaaruu qabna jechuun isaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.