Finfinnee, Adoolessa 24, 2017 (FMC) – Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun Ashaaraan Magariisaa Itiyoophiyaaf boqonnaa haaraa banaa jira jedhan.
Hoggantoonniifi hojjettoonni Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa sagantaa guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoona 700 dhaabuun ashaaraa isaanii kaa’aniiru.
Dooktar Laggasaa Tulluun wayita kana akka jedhanitti, ashaaraan magariisaa diinagdee Itiyoophiyaa keessatti gahee olaanaa bahachaa jira.
Wayita ashaaraan magariisaa akka biyyaatti eegale irraa jalqabee dhaabbatichi odeeffannoo waliin gahuurra darbee saganticharratti dammaqinaan hirmaachaa turuus yaadachiisaniiru.
Yeroo itti aanuttis hojjettoonni dhaabbatichaa dhaaburra darbee kunuunsa walitti fufiinsa qabu kan taasisan ta’uu mirkaneessaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.