Finfinnee, Adoolessa 26, 2017 (FMC) – Ashaaraan magariisaa misooma Dippiloomaasii Magariisaa fi hariiroo ummataa cimsuuf gumaacha olaanaa qaba jedhe Ministeerri Dhimma Alaa.
Ministeerichi Tajaajila Tola Ooltummaa waqtii Gannaa Magaalaa Dirre Dhawaatti eegalchiiseera.
Manneen harka qalleeyyii haaromsuu fi meeshaalee barnootaa deeggarsa taasisuun eegalchiiseera.
Ashaaraan magariisaa misooma Dippiloomaasii Magariisaa fi hariiroo ummataa cimsuuf gumaacha olaanaa qaba jedhan Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayeen haasawa saganticharratti taasisaniin.
Biyyoota ollaa fi Biyyoota Yaa’a Laga Abayyaatti biqiltuu dhaabuun jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf hojiin addunyaaf fakeenyummaa gaarii ta’u hojjetamuu eeran.
Tola Ooltoonnii fi bulchiinsi Magaalaa Dirre Dhawaa biqiltuuwwan miiliyoona 10 dhaabuu Kantibaan Magaalaa Dirre Dhawaa Kadir Juhaar himaniiru.
Harka qalleeyyii kuma 3 fi 600 oliif manneen jireenyaa haaromuu fi haaraan ijaaramuu ibsan.
Barattoota kuma 86 oliif deeggarsi meeshaalee barnootaa taasifamuus ibsaniiru.
Nageessoo Kadiirtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.