Ashaaraan Magariisaa wabii nyaataa mirkaneessuuf gahee olaanaa qaba- Billanee Siyyuum

Finfinnee, Adoolessa 24, 2017 (FMC) – Hoggantuun Pirees Seekritaariyaatii Waajjira Ministiraa Muummee Billanee Siyyuum Ashaaraan Magariisaa wabii nyaataa mirkaneessuufi anniisaa haaromfamaa babal’isuuf gahee olaanaa qaba jedhan.

Billanee Siyyuum ergaa dabarsaniin, Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad karoorri duula dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo akka milkaa’uuf lammiilee dadamaqsaa jiru jedhan.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad saganticha har’a ganama magaalaa Jimmaatti erga eegalchiisaniin booda gara Finfinneetti deebi’uun hoggantoota Waajjira Ministira Muummeefi miseensota Eegdota Riippaabilikaanii waliin gaara Ekkaarratti biqiltuu dhaabuu yaadachiisaniiru.

Sagantaa ashaaraa magariisaan biqiloonni kuduraafi muduraa fi faayidaa hunda galeessa qaban biroon dhaabamaa akka jiran kaasanii, kunis wabii nyaataa mirkaneessuuf shoora olaanaa qabaachuu eeran.

Sagantichi misooma bunaa, anniisaa haaromfamaa babal’isuuf, jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuufi faayidaalee biroo qabaachuu ibsaniiru.

Uummanni Itiyoophiyaa ashaaraan magariisaa biqiltuu dhaabuu ol ta’uu hubachuun dammaqinaan akka hirmaatu gaafataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment