Finfinnee, Hagayya 10, 2017(FMC)- Tapha Piriimar Liigii Ingilaandi sagantaa torbee jalqabaan Aston Viilaafi Niwukaasil Yuunaayitid goolii malee qixa bahan.
Astoon Viilaan sa’aatii 8:30 irratti dirree isaarratti Niwukaasil Yuunaayitidiin keessummeesseera.
Taphichaan Eezrii Koonsaan badii dalageen kaardii diimaan dirree keessaa baheera.
Sa’aatii 11:00 irratti Tootanhaam Berniileey waliin, Biraayitan Fuulhaam waliin akkasumas Sandarlaand Weestihaam waliin kan taphatan ta’a.
Galgala sa’aatii 1:30 irratti ammoo taphni Woolvis fi Maanchistar Siitii ni eegama.
Tapha jalqabaa Piriimar Liigii Ingilaandi torbee jalqabaa guyyaa kaleessa taphatameen Liivar Puul Bernimaawuziin goolii 4 fi 2’n injifachuun ni yaadatama.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.