Finfinnee, Ebla 14, 2017(FMC) – Atileet Qananiisaa Baqqalaan miidhaa shaakalarratti isa mudaterraan kan ka’e dorgommii fiigicha maaraatoonii Landan irratti akka hin hirmaanne ifoomseera.
Deeggartootaafi dinqisiifattoota isaa galateeffachuun, yeroo ammaa miidhaa isa irra gaherraa dandamachuurratti akka xiyyeeffatu ibseera.
Atileet Qananiisaa Baqqalaan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaan dabarseen, dorgommii dilbata dhufu gaggeeffamu kanarratti atileetota hirmaataniif carraa gaarii hawweera.