Atileet Taammiraat Tolaan Maaraatoonii Amistardaamiin ala ta’e

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2018(FMC) – Atileet Taammiraat Tolaan miidhama isa muudateen Maaraatoonii Amistardaamiin ala ta’eera.

Shaampiyoonaan Olompikii fi Addunyaa Atileet Taammiraat Tolaan sababa miidhamaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 20ffaan ala ta’uun kan yaadatamu yoo ta’u, ammas maaraatoonii Amistardaam 50ffaan ala ta’eera.

Akkasumas Atileet Muktaar Idiriis sababa dhimma dhuunfaan maaraatoonicharratti hin hirmaatu jedhame.

Atileetiksii Addunyaan sadarkaan Pilaatiniiyeemii kan kennameef Maaraatooniin Amistardaam Dilbata dhufu fiiggama.

Hirmaattoonni kumni 60 ol maaraatoonicharratti ni hirmaatuun eegama.

Warqinaa Gaashawutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment