Finfinnee, Amajjii 24, 2018 (FMC) – Maaraatoonii 25ffaa Dubaay atileetonni Itoophiyaa ramaddii lamaaniinu injifataniiru.
Dorgommii Maaraatoonii sadarkaan warqee Atileetiksii Addunyaan kennameef kana ramaddii dhiiraan atileetiin Itoophiyaa Nibirat Malaak mo’ateera.
Atileet Nibirat fageenya kana 1ffaan xumuruuf sa’aatii 2 fi daqiiqaa 4 itti fudhateera.
Ramaddii dubartootaan ammoo atileet Anchiinaaluu Dassee 1ffaa ba’uun xumurteetti.
#Oromia #Ethiopia