Finfinnee, Bitootessa 6, 2018 (FMC) – Maaraatoonni See’ul Kooriyaa Kibbaatti gaggeffameen Atileetoonni Itiyoophiyaa koorniyaa lamaanuu Injifataniiru.
Dorgommii Dhiirotaan Atileet Haftuu Takluu fageenyicha Sa’aatii 2 fi Daqiiqaa 4 fi seekoondii 23 xumuruun 1ffaa baheera.
Atileet Geetaaneeh Mollaa sadarkaa 2ffaan akkasumas Atileet Tsaggaayee Taaddasaan sadarkaa 4ffaan xumuraniiru.
Dorggommii Dubartootaan immoo Atileet Heevaan Hayiluu sa’aatii 2 fi daqiiqaa 19 fi seekoondii 10 ‘n sa’aatii dhuunfaa ishee galmeessuun sadarkaa 1ffaan xumurteetti.
Atileet Baqqalach Guddataa sadarkaa 2ffaa, Atileet Boosnaa Mulaatee sadarkaa 3ffaan xumuruu ragaan Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.