Finfinnee, Amajjii 23, 2018 (FMC) – Ayyaana Abbootii Fardaa Agaw UNESCO’tti galmeessisuuf tattaaffiin taasifamu cimee itti fufa jedhan Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan.
Obbo Tamasgeen Xurunaan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, ayyaana waggaa 86ffaa Waldaa Abbootii Fardaa Agaw irratti hirmaachuufi agarsiisa fardaa ayyaanicharratti dhiyaate magaalaa Injibaaraatti daawwachuu ibsaniiru.
Ayyaanni kun agarsiisa fardaa qofa osoo hin taane fakkeenya cichoomina Itiyoophiyaa, ashaaraa gootummaafi nageenyaa ta’uu eeraniiru.
Fardi Itiyoophiyaaf durirraa eegalee yeroo gammachuus ta’e gaddaa, cidharrattis ta’ee adda waraanaatti michuu fi tajaajilaa amanamaa ta’uu eeraniiru.
Fardi Adwaa irraa hanga Gur’aatti faajjii bilisummaafi injifannoo keenyaati jedhanii, jaarraa 6ffaa irraa eegalee hanga har’atti fardii fi kabajniifi bilisummaan Itiyoophiyaa adda kan hin bane, hariiroon isaaniis cimaa ta’uu ibsaniiru.
Uummanni Agaw akkuma abboota isaa finxaalessummaa kan dide, nageenya kan kabachiisee ta’uus eeraniiru.
Kaleessa humna fardaan bilisummaa keenya akkuma kabachiisne har’a ammoo teeknooloojii ammayyaan deeggaramuun badhaadhina biyya keenyaa ni mirkaneessina jedhan.
Fardeen keenya akkuma lafa waliin gahan xiyyaaronni keenya samii, dooniiwwan keenya galaana, oomishaaleen keenya teeknooloojii haaraa fayyadamuun gabaa waliin gahuu qabu jechuun dhaaman.
Ayyaana Abbootii Fardaa Agaw UNESCO’tti galmeessisuuf tattaaffiin taasifamu cimee kan itti fufu ta’uu eeranii, adeemsa ayyaanicha hambaa addunyaa gochuuf eegalame waloon ni milkeessina jedhaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.