Ayyaana Cuuphaafi tuurizimii….

Finfinnee, Amajjii 11, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaatti ayyaanota amantaa dirreetti bahuun haala miidhagaafi ho’aa ta’een kabajaman keessaa Ayyaanni Cuuphaa isa tokko.

Ayyaanni kun Ayyaana amantaa ta’uurra darbee dadammaqina tuurizimiifi maqaa gaarii biyyattii guddisuu keessatti qooda olaanaa qaba.

Ayyaana kanarratti hordoftoonni amantichaa uffata aadaan faayamanii kan kabajan yoo ta’u, kun immoo guddinaafi aadaa biyyattii beeksisuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaatti Daayrektarri Misoomaafi Piroomooshinii Tuurizimii obbo Faantaahun Taaddasaa Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.

Ayyaana haala ho’aafi miidhagaa ta’een kabajamu kanarratti tuuristoonni biyyoota garaagaraa kan daawwatan yoo ta’u kun ammoo sharafa alaa kan argamsiisuufi galii gama tuurizimiitiin argamu kan guddisu ta’uus dubbatan obbo Faantaahun Taaddasaan.

Dhaabbileen tajajila kennan; hoteelonni, daawwachiistonni fi kanneen biroon ayyaana kanarraa faayidaa diinagdee kan argatan ta’uus ibsaniiru.

Ayyaanni cuuphaa ‘UNESCO’ irratti hambaa kiliyyaa ta’ee galmaa’uun maqaa biyyaa guddisuufi biyya beeksisuu keessattis gahee olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Ayyaanaa Dheeressaan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment