Finfinnee, Eebila 11, 2017(FMC) – Pireezidaantonni nannoolee garaagaraa ayyaana yaadannoo du’aa ka’uu Iyyesuus Kiristoos sababeeffachuun ergaa baga gessanii dabarsanbiiru.
Pirezidaantiin naannoo Giddugala Itiyoophiyaa Dooktar Indaashaawu Xaaswew ergaa dabarsaniin ayyaanichi kan gammachuu, jaalalaa fi eebbaa akka ta’u hawwaniiru.
Nageenya waaraa dhugoomsuuf adeemsa ijaarsa misoomaa fi diimokiraasii ariifataa fi ittifufaa akka ta’uuf ga’een manneen amantaa fi amantootaa guddaa waan ta’eef hirmaannaan isaanii akka guddatu gaafataniiru.
Aadaa walabummaa amantaalee sirnaan bulchuu guddifachuun sabdanessummaa dudhaalee waloo bu’uureffate cimsuu fi biyya cimtuu ijaaruuf waliin haa hojjennu jechuun ergaa dabarsaniiru.
Haaluma walfakkaatuun pireezidaantiin Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Xilaahun Kabbadaan ergaa isaaniin ayyaanicha yoo kabajnu qormaatilee jabinaan keessa darbuun karoora misoomaa akka biyyaa fi naannootti qabanne waloon itti duullee adeemsa ol ka’uu Itiyoophiyaa dhugoomsuuf ka’uudhaan ta’uu qaba jedhan.
Ayyaanicha yeroo kabanu Kiristoos hojii guddaa biyya lafaa fayyisuu gadi of deebisuun raawwachuu isaa yaadachaa, damee hojii itti bobbaaneen biyyaa fi uummata keenya gaarummaa guddaadhaan tajaajiluuf kaka’uudhaan ta’uu akka qabu dhaamaniiru.
Duudhaalee walii yaaduu, wal gaafachuu fi walgargaaruu qabachuun, waan qabnu kaaniif qoduun, harka qaleeyyii fi warra deeggersa barbaadan deeggeruun fi hojii tola ooltummaaf of qopheessuun kabajuu qabnas jedhan.
Pireezidaantiin Naannoo Beeniishaangul Gumuz Ashaadlii Hasan gama isaaniin, ayyaanichi gochaalee amantaa irratti dabalataan kan walii yaaduu, waliif gadduu fi walgargaaruu ta’uu isaa ibsaniiru.
Hojiin waltumsuu kunis guyyaa ayaanaan alattis caalmaatti cimee akka itti fufu gaafatanii , ayyaanichi kan gammachuu, nagaa, fayyaa fi eebbaa akka ta’u hawwaniiru.
Akkasuma mootummaan naannoo Hararii ayyaanicha ilaalchisee ergaa dabarseen, uummanni kiristaanaa ayyaanicha yoo kabaju Warreen rakkatan nyaachisuu fi obaasuun akkuma barame aadaa waliif yaaduu fi wal gargaaruu hojiitti hiikuun ta’uu akka qabu yaadachiiseera.
Kiristaanota dabalatee ummanni naannichaa marti nagaa, walooma, wal deeggeruuf fi obbolummaa guddisuu, darbees hojiilee misoomaa hunda galeessa naannichatti eegale milkeessuuf tumsa isaanii akka cimsan dhaamsa dabarseera.
#Oromia #Ethiopia