Finfinnee, Amajjii 9, 2018 (FMC) – Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Finfinnee Ayyaana Kataraafi Cuuphaa sababeeffachuun magaalichatti daandiiwwan tajaajila Tiraafikaaf cufaa ta’an ifoomseera.
Haaluma Kanaan:-
👉 Faransaay Leegaasiyoon irraa gara Siddist Kiiloo kan geessu Riqicha Embaasii Faransaay irratti
👉 Addabaabaayii Qabbannaa irraa gara Hospitaala Minilik kan geessu Addabaabaayii Qabbannaa irratti
👉 Riqicha Embaasii Jarman irraa gara Hospitaala Minilik kan geessu Riqicha Embaasii Jarman irratti
👉 Mandara Kooriyaa irraa gara Minilik kan geessu Mandara Kooriyaa irratti
👉 Ginfillee irraa gara Mana Barumsaa Saanfoord kan geessu Riqicha Ginfillee irratti
👉 Qiddist Maariyaam irraa gara Hurufa Boombii kan geessu Qiddist Maariyaam irratti
👉 Ministeera Maallaqaa irraa gara Siddist Kiiloo Tootaal kan geessu Ministeera Maallaqaa irratti
👉 Addabaabaayii Siddit Kiiloo irraa gara Faransaay Leegaasiyoon kan geessu Addabaabaayii Siddist Kiiloo irratti
👉 Qaallittii irraa gara Maasalxanyaa kan geessu Xiruneesh Beejiingi irratti
👉 Yuuniisaa irraa gara Alam Baanki kan geessu Xurunesh Beejiingi irratti
👉 Addabaabaayii Koyyee irraa gara Waaliyaa kan geessu Xurunesh Beejiingi irratti
👉 Lammii Kuraatti naannawaa mandara Arraabsaatti
👉 Nifaas Silki Laaftootti Addabaabaayii Hacaaluu irratti Amajjii 10, 2018 guyyaa sa’aatii 5:30 irraa eegalee hanga Ayyaanichi kabajamee xumuramutti konkolaattotaaf kan cufaman ta’uu eereera.
Konkolaachistoonnis iddoowwan taabonni buufatanitti daandiiwwan kan cufaman ta’uu beekuun daandiiwwan filmaataa biroo akka fayyadaman hubachiiseera.
Wantoonni yaaddoo nageenyaaf shakkisiisoo ta’an wayita mudatan hawaasni toorawwan lakkoofsa bilbila bilisaa 990, 991, 987, 816 akkasumas lakkoofsota bilbilaa 011-1-26-43-59, 011-5-52-63-02/03, 011-5-52-40-77, 011-5-54-36-78 fi 011-5-54-36-81 kana malees appilikeeshinii hirmaannaa lammiilee fayyadamuun eeruu akka kennu waamicha dabarseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.