Ayyaana Qillee Kutaalee Addunyaa garaagaraatti…

Finfinnee, Mudde 16, 2018 (FMC )- Guyyaan dhalachuu Iyyesuus Kiristoos ( qilleen Faranjootaa) kutaalee addunyaa garaagaraatti sagantaalee adda addaan kabajamaa jira.

Ayyaanni Qillee dhalachuu Iyyesuus Kiristoos sababeeffachuun kan kabajamu yoo ta’u, guutuu addunyaatti hordoftoota amantaa Kiristaanaan kabajamaa jira.

Ayyaanichi Ameerikaa, Kaanaadaa, Meeksikkoo, Ingiliiz ,Faransaay ,Jarman ,Xaaliyanii, Poolaandi, Ispeen, Noorweey, fi Biraaziil dabalatee biyyoota garaagaraatti kabajamaa jira.

Afrikaattis Afrikaa kibbaa, Naayijeeriyaa, Gaanaa, Taanzaaniyaa, fi Keeniyaa dabalatee biyyoota 40 ol ta’anitti ayyaanni qillee kabajamaa jira.

Biyyoota hedduutti jala bultiin ayyaanichaa dursee kan eegalu yoo ta’u, guyyaa ayyaanichaa immoo sagantaalee garaagaraan maatii fi firrootan waloon ni kabaju.

Ayyaana kanaan daandiiwwan, addabaabayiiwwan, gamoowwanii fi manneen ibsaa fi faayaa dizaayinii adda addaatiin miidhagu.

Namoonni ayyaana kana kabajan kennaa adda addaa, kaardii hawwii gaarii, fi ergaa wal jijjiiruun kabaju.

Biyyoonni Ayyaana Qillee Mudde 25 kabajan lakkoofsa Giriigooriyaanitti kan fayyadaman yoo ta’u, warri Guraandhala 7 kabajan ammoo lakkoofsa Juuliyaan kan fayyadamaniidha.

Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni garaagaraa Ayyaana Qillee Mudde 29 kabaju.

Soosinnaa Alaamayyootiin.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment