Ayyaanni Bara haaraa Ummata Sidaamaa Fiichee Cambalaalaan kabajamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 5, 2018 (FMC) – Ayyaanni Bara haaraa Ummata Sidaamaa Fiichee Cambalaalaan sagantaalee adda addaan kabajamaa jira.

Ayyaanichi har’aa eegaluun akkaataa duudhaa aadaa isaa eegeen kabajama.

Fiichee Cambalaalaan ayyaana duudhaa waliigaltee, tokkummaa fi nageenyaa biyyaalessaa cimsuu keessatti gahee olaanaa qaban of keessatti kan hammateedha.

Ayyaana kan waldhabe itti araaramu, dhaloonni haaraan maanguddootarraa eebbaa fi beekumsa fudhatan, walitti hidhamiinsa hawaasummaa caalmaatti kan gabbisuudha.

Sagantaan jala bultii ayyaanichaa har’a haala ho’aa ta’een kabajamaa jira.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment