Ayyaanni Cuuphaa fi Qaanaa Galiilaa haala hoo’aan kabajamee xumuramu Humni Waloo beeksise

Finfinnee, Amajjii 12, 2017 (FMC)-Ayyaanni Cuuphaa fi Qaanaa Galiilaa haala Hoo’an kabajamee xumuramu Humni Waloo Nageenyaa fi Tasgabbii Biyyaalessaa beeksise.

Humnichi Waloo ibsa miidiyaalef ergeen akka beeksisetti, hambaalee Kiliyyaa Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Mootummoota Gamtoomaniitti galmaa’an keessaa Ayyaanni Cuuphaa, Magaalaa Finfinnee dabalatee sadarkaa biyyaalessattii bifa hawwataa ta’een kabajamee xumurameera.

Haaluma walfakkaatuun, har’a kan kabajame Ayyaanni Qaanaa Galiilaa rakkoo tokko malee kabajamuu eeruun, qaamolee ayyaanichi rakkoo tokko malee akka kabajamuuf gumaacha taasisan hunda galateeffateera.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment