Finfinnee, Fulbaana 16, 2018(FMC)- Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Ayyaanni Daamaraa Masqalaa yeroodhaa gara yerootti haala ho’aa ta’een kabajamaa dhufeera jedhan.
Ayyaanni Daamaraa Masqalaa bara 2018 Magaalaa Finfinnee Addabaabaayii Masqalaatti sirnoota amantichaa garaagaraan kabajamaa jira.
Aadde Adaanech Abeebeen wayita kana, hordoftoota amantichaa hundaan baga geessan jedhaniiru.
Ayyaana Daamaraa Masqalaa kan kabajnu waqtii duumessaafi roobaa irraa gara waqtii ifaa abaaboon faayametti jedhan.
Akka biyyaatti waggoottaniif dukkana kan dhabamsiisuu fi uummanni biyya keenyaa akka Daamaraa Masqalaa walitti ida’amuun fi miira tokkummaan tumsuun bara itti yeroon ifaa biyya keenyaaf dhufeefi Hidhi Haaromsaa Itiyoophiyaa itti xumurame waan ta’eef baga gammanne jedhan.
Injifannoon seena qabeessi Itiyoophiyaanotaa kun milkaa’ina qormaata hedduu keessatti argame ta’uus kaasaniiru.
Ayyaanni Daamaraa Masqalaa hambaa kiliyyaa Dhaabbata Barnoota, Saayinsiifi Aadaa Mootummoota Gamtoomaniitti galmaa’uun Itiyoophiyaa sadarkaa addunyaatti beeksisuu eeraniiru.
Keessummoonni biyyoota alaa agarsiisa addaa fi miidhagaa ta’e kana ilaaluuf nu gidduutti argamtan baga nagaan dhuftan jedhaniiru.
Finfinneen yeroodhaa gara yerootti miidhagaafi haaromfamaa Itiyoophiyaaf kabaja dabalataa, tuuristootaaf ammoo hawwattuu ta’aa akka dhufte ibsaniiru.
Ayyaanonni dirree walooma kan cimsan, magaalichaaf miidhagina akkasumas hawwata tuurizimii waan ta’aniif deeggarsi dhaloota dhufutti dabarsuuf taasifamu cimee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.
Imalli Itiyoophiyaan hiyyummaa keessaa bahuufi badhaadhina mirkaneessuuf taasisaa jirtu dhamaatii, cichoominaafi tokkummaan dhaabachuu akka gaafatu hubachiisaniiru.
Kanaaf xiiqiifi cichoominaan hojjechuun badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuutu nurraa eegama jedhan.
Yoonaas Geetinnatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.