Ayyaanni hundeeffama waggaa 47ffaa Ajaja Lixaa kabajamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 2, 2017 (FMC) – Ayyaanni hundeeffama waggaa 47ffaa Ajaja Lixaa magaalaa Naqamteetti sagantaa adda addaan kabajamaa jira.
Ayyaana kana irratti hirmaachuufis Itaamaajor Shuumii Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Julaa, Itaamaajor Shuumii Ittaanaa RIB Jeneraal Ababaaw Taaddasaa, Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa fi Pirezidaantii Naanoo Beeniishaangul Gumuz Ashaadilii Hasan dabalatee hoggantoonni olaanoon Raayyaa Ittisa Biyyaa, Mootummaa federaalaa fi Naannichaa magaalaa Naqamtee galaniiru.
Hundeeffamni waggaa 47ffaa Ajaja Lixaa injifannoowwan ajajichaa kan mul’isan sagantaalee garaagaraan har’aa fi boru kan kabajamu yoo ta’u, Sanbata har’aa sagantaalee maree paanaalii, eebba kitaabaa fi Loogoo beeksisuutiin akka kabajamu sagantaa ba’erraa hubatameera.
Galaanaa Tasfaatu gabaase.
Comments (0)
Add Comment