Finfinnee, Caamsaa 29, 2017( FMC) – Ayyaanni Arafaa/ Iid Al Adhaa 1446ffaan magaalota Hawaasaa, Shaashamanneetti fi Daseetti kabajameera.
Ayyana magaalaa Hawaasaatti kabajame irratti jiraattonni magaalattii barii saa’atii 12 irraa eegaluun addabaabaayii Miliniyamiitti sirna garaagaraan kabajaniiru.
Sirnichaarratti ergaa kan dabarsan pirezidaantiin Dhimmoota mana Maree Dhimmoota Isilaamummaa Naannoo Sidaamaa sheeh Abdulshikkur Abdulqaadir ayyaanni Arafaaa ayyaana qalmaa waan ta’eef uummanni.musiliimaa osoo hin sassatin waan qale harka sadii keessaa tokko warra rakkataniif qooduun ajajaja Rabbii raawwachuu qaba jedhan.
Kan dhukkubsate gaafachuun, kan rakkatan gargaaruu fi yaadachuun dirqama amantichaa raawwachuu akka barbaachisu dhaamaniru.
Ayyaanichi magaalaa Shaashamanneettis kan kabajame yoo ta’u, Dura bu’aan majilisaa bulchiinsa magaalaa Shaashamannee Shee Bashiir Gammadaa ergaa dabarsaniin hordooftootni amantichaa yeroo ayyaana kana kabajan rakkataa gargaaraa, ollaa ofi yaadachaa ta’uu akka qabu dhaamaniru.
Walgargaaruun cinaatti hawaasni islaamaa nageenya biyyaa tokkummaan eeguu, dinagdeen of cimsuu fi hordooftoota amantaa biroo waliin tokkummaa fi jaalalaan akka jiraatan ergaa dabarsaniru.
Haaluma walfakkaatuun magaalaa Daseettis ayyaanichi sirna ho’aan kabajameera.
Hawaasni musliimaa magaalaa Dasee fi naannoo ishee irraa gara kabaja ayyaanichaatti kan ba’e bariidhaan.
Kantibaa itti aanaan magaalattii Saamu’eel Mollaallinyi sirnicha irratti aragmuun ergaa dabarsaniin, ayyaanichi yeroo kabaamu akka barsiisa amantichaatti waan qabnu qooduun ta’uu qaba jechuun hubachiisan.
Ayyaana kana irratti hoggantoonni olaanoon mootummaa hirmaataniiru.
Maqidas Asfaawu, Jamaal Kadiroo fi Isheetuu Walda-Amaanu’eeltu gabaase.