Ayyaanni Iid Al-Faxir Kabajamaa Jira

Finfinnee, Bitootessa 11, 2018 (FMC) – Ayyaanni Iid Al-Faxir 1447ffaan haala ho’aan ta’een kabajamaa jira.

Ayyaannichi  hordoftoota amantichaa biratti sirnoota amantii garaa garaatiin kabajamaa jira.

 

Ayyaanichi magaalota adda addaa keessatti haala ho’aan kabajamuu kan eegale yoo ta’u, ummanni Muslimaas bakkeewwan ayyaaneffannaatti argamuun sirna salaata Iidaa raawwachaa jiru.

 

Wal-gargaarsiIfi waliif yaaduun yeroo soomaa ture cimee itti fufuu akka qabu Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa hubachiiseera.

 

Ummanni Musliimaa ayyaana Iid Al-Faxir yeroo kabaju, lammiilee harka qalleeyyii gargaaruu fi gaafachuun ta’uu akka qabus ibseera.

 

#Oromia #Ethiopia

 

Comments (0)
Add Comment