Finfinnee, Fulbaana 8, 2018 (FMC) – Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee Fulbaana 24 fi Harsadeen ammoo Fulbaana 25 bara 2018 akka kabajamu abbootiin Gadaa ibsan.
Gumiin Abbootii Gadaa haala kabaja Ayyaana Irreechaa bara 2018 ilaalchisuun ibsa kenneen, Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee Fulbaana 24 akkasumas Ayyaanni Irreechaa Hora Harsadee ammoo Fulbaana 25, 2018 kan kabajamu ta’uu murteessaniiru.
Ayyaanni Irreechaa ayyaana galateeffannaafi araaraa waan ta’eef,ummanni aadaafi duudhaa Oromoon qabuun kabajuu akka qabus dhaamaniiru.
#Oromia #Ethiopia