Ayyaanni Irreechaa dudha isaa eegee milkaa’inaan akka kabajamuuf hawaasni tumsuu qaba – Poolisii Federaalaa

Finfinnee, Fulbaana 22, 2018 (FMC) – Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee fi Hora Harsadee karaa dudha isaa eegeen milkaa’inaan akka kabajamuuf hawaasni qaamolee nageenyaa tumsuu akka qabu waamicha dhiyeesse.

Kabaja ayyaanichaa ilaalchisees qaamolee nageenyaa biroo waliin mari’ateera.

Komiishinarri Jeneraalaa Komiishinii Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’el maree kana irratti kallaattii hojii kennaniin caasaan nageenyaa hawaasa waliin ta’uun itti gaafatama isaa sirnaan ba’aa waan jiruuf waltajjiiwwan darban nagaan xumuramuu ibsaniiru.

Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee fi Harsadees dudha isaa eeggatee milkaa’inaan akka kabajamuuf tekinooloojiin deggeramuun fi humna nageenyaa hedduu bobbaasuun hojiitti galeera jedhan.

Dudha ayyaanni Irreechaa eeyyamuun alatti haala kamiinuu ergaawwan adda addaa, meeshaalee qara qabanii fi dhuka’an qabatanii naannoo ayyaanichaatti argamuun dhorkaa ta’uu ibsuu isaanii Poolisiin Federaalaa ergaa Faanaa dijiitaaliif ergeen yaadachiiseera.

Hirmaattonni ayyaanichaas caasaa nageenyaa akka tumsan waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment