Finfinnee, Fulbaana 24, 2018(FMC)- Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee bara kanaa haala ho’aa ta’een kabajamuun xumurameera jedhan.
Irreechi Hora Finfinnee Uummata Oromoo qofa osoo hin taane saboonnii fi sablammoonni hedduun, daawwattoonni biyyoota garaagaraafi qorattoonni aadaafi seenaa irratti hirmaachuu kaasanii, ayyaanichi haala ho’aa ta’een kabajamee xumuramuu eeran.
Finfinneen misooma kooridariifi qarqara lagan miidhagde , hirmaattota ayyaanota dirreefi tuuristoota guutuu addunyaarraa dhufaniif daran hawwattuufi mijattuu taateetti jedhan.
Ayyaanichi haala miidhagaafi ho’aa ta’een akkasumas duudhaa isaa eeggatee akka kabajamuuf qaamolee gahee isaanii bahatan hunda galateeffataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.