Ayyaanni Irreechaa obbolummaa fi jaalalli kan ittiin ibsame dha – Hirmaattota

Finfinnee, Fulbaana 25,2018 (FMC) – Ayyaanni Irreechaa Harsadee jaalallii fio obbolummaan Itiyoophiyaanummaa kan ittin mulateedha jedhan hirmaattonni ayyaanichaa.

Ayaana tokkummaa, jaalalaa fi nageenyaa kan ta’e ayyaanni Irreechaa matduree “Irreecha Olkaa’iinsa Biyyaaf” jedhuun kabajameera.

Warra yaada isaanii kennan keessaa Abbaan Gadaa Kattaa Birruu, Irreechi ayyaana nagaa, dhiifamaa fi tokkummaa ti jedhan.

Ayyaanichi karaa obbolummaa jabeessuun kabajamuu eeranii, dudha isaa karaa eegeen dhaloota dhufutti akka darbuuf kan hojjetan ta’uu dubbatan.

Hirmaataan ayyaanichaa kan biraan Magarsaa Baddeechaa gamna isaaniin hafuurri obbolummaa fi tokkummaa ayyaanicha irratti argan akka isaan gammachiise dubbatan.

Bishooftuun misooma Koriidariin miidhagdee ayyaanicha bifa ho’aa ta’een keessummeessuu ishee eeranii, hojiileen misoomaa hojjetaman kan jajaman ta’uus dubbataniiru.

Irreechi Harsadee karaa Walooma, obbolummaa fi sabdaneessummaa mul’isuun kabajameeras jedhan.

Ayyaanicha keessummoota guutuu biyyaa irraa dhufan waliin karaa walummaa cimsuun kabajuu kan dubbatan ammoo Yeshii Yeeyyii ti.

Irreechi ayyaanota uummnanni Oromoo barootaaf eegee asiin ga’e keessaa tokko ta’uus eeranii, ayyanichi ibsituu jaalalaa fi walummaa ta’uu ibsaniiru.

#Oromiya #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment