Ayyaanni Kataraa fi Cuuphaa akkaataa duudhaa isaa eegeen kabajamuu qaba – Abunee Saawiiroos

Finfinnee, Amajii 9, 2018 (FMC) – Ayyaanni Kataraa fi Cuuphaa akkaataa duudhaa amantummaa isaa eegeen kabajamuu qaba jedhan Hogganaa Olaanaan Waajjira Mana Lubummaa Waliigalaa eebbifamuu Abunee Saawiiroos.

Hogganaa Olaanaan Waajjira Mana Lubummaa Waliigalaa Teessoo Paatiriyaarikii fi Angafni Phaaphaasii biyyoota lallaba Shawaa Kibba Lixaafi Magaalaa Shaggar eebbifamuu Abunee Saawiiroos Hordoftoonni bifa duudhaa gaarummaa hordofeen ayyaanicha akka kabajatan waamicha dhiyeessaniiru.

Wayita ayyaanicha iccitii cuuphaan hundeeffamee fi kennaa ijoollummaa cuuphaarraa argamu yaadachuun murteessaa ta’uu ibsan eebbifamuu Abunee Saawiiroos kabaja ayyaanichaa ilaalchisee ibsa kennaniin.

Hordoftoonni amantichaa ergaawwanii fi mallattoowwan kabaja ayyaanichaa faallessanirraa of qusachuun afuura gaarummaa fi walummaan kabajuu akka qaban dhaamaniiru.

Gochawwan nageenya, jaalalaa fi tokkummaa lallaban raawwachuun murteessaa ta’uu eeran.

Ayyaanichi ayyaana nageenyaa, eebbaa fi fayyinaa akka ta’u hawwaniiru.

Ashannaafii Shibbiruutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment