Ayyaanni Mawuliidaa magaalota Jimmaafi Harariitti kabajamaa jira

Finfinnee, Hagayya 29, 2017(FMC)- Ayyaanni Mawuliidaa kumni 1 fi 500ffaan magaalota Jimmaafi Harariitti haala ho’aa ta’een kabajamaa jira.

Ayyaanichi magaalaa Jimmaatti sirnoota amantichaa garaagaraan kabajamaa jira.

Imaamni Masjiida Muuniir Sheek Mahaammad Abbaa Diggaa ergaa dabarsaniin, wayita Ayyaana Mawuliidaa kabajnu fakkeenyummaa Nabiyyuu Mahaammad hordofuun ta’uu qaba jedhan.

Bifuma walfakkaatuun Ayyaanichi magaalaa Hararittis kabajamaa jira.

Ayyaanichi guyyaa kaleessa galgalarraa eegalee sirnoota amantichaa garaagaraan kabajamaa jira.

Uummanni musiliimaa jireenya isaan fakkeenyummaa Nabiyyuu Mahaammad shaakaluu akka qabu hirmaattonni ayyaanichaa ibsaniiru.

Abdurahimaan Mahaammadiifi Tashoomaa Hayiluutu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment