Finfinnee, Bitootessa 17, 2018 (FMC) – Ministeerri Tuuriizimii Ayyaana Shawaaliid Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa Mootummoota Gamtoomanii (UNESCO) biratti akka hambaa addunyaatti galmeeffameef ergaa baga ittiin isin ga’ee dabarseera.
Ministeerichi ergaa isaa kanaan, ayyaana baroota dheeraaf uummaticha boonsuun turee asi ga’een baga nagaaan isin ga’e jechuun; ayyaanni kun qabeenya aadaa dinqisiisoo ummatni Hararii qabu keessaa isa tokkoo fi isa ijoodha jedheera.
Shawaaliid xumura sooma Ramadaanaa booda kan kabajamu yoo ta’u, agarsiiftuu gammachuu, jaalalaa fi hariiroo hawaasummaa akka ta’es kaaseera.
Ayyaanicha yeroo kabajnu, qaroomina Itoophiyaan qabduu fi qabeenya aadaa dinqisiisoo addunyaaf gumaachiteen boonuun yaadachuu qabnas jedheera ergaa isaan.
Ayyaanni masaraa seena qabeessa Jagool keessatti sirnoota aadaa, uffata miidhagaa fi keessummeessummaa ummata Hararii kabajamu kun, xiyyeeffannoo tuuristoota biyya keessaa fi alaa harkisuuf dandeettii guddaa akka qabus ibseera.
Ministeerichi Shawaaliid addunyaatti beeksisuun, magaalaa Harar wiirtuu tuuriizimii ijoo taasisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu eeraniiru.
Ayyaana Shawaaliid eeguu, kunuunsuu fi dhaloota itti aanutti dabarsuun ga’ee hundaa akka ta’es Ministeerichi odeefannoo Faanaa Dijiitaaliif ergeen hubachiiseera.
#Oromia #Ethiopia